Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamutti waraanni faashistii PP Gurraandhala 23, 2025 Taarikuu Asfawuu fi Mulaatuu Amantee namoota jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gochi namoota hidhaan jiilchuu, ajjeesuun bulchiinsa jabeeffachuu fi saamanii dinagdee sabichaa dadhabsiisuu guutuu Oromiyaatti jabaatee kan jiru ta’us, tibbana ammoo godinaalee Baha Wallaggaa fi Lixa Wallaggaatti guyyoottan muraasa keessatti lubbuun namooota darbee fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa raawwachaa jirus daran jabaatera jira.

Gochaa fi jechi dubbii mootii sirna Bilxiginnaa  Koloneel Abiy Ahimed kan wal faallessu bara aangootti dhufe akka guutuu impaayerattiitti jaallatamummaa argachuuf jecha “ajjeesuun mo’amuudha”, manneen hidhaatti namoota dararuu irra manneen hidhaa impaayerattii dirree bashannanaa taasisna jechuun dubbatus, har’a garuu manni hidhaa bara sirna wayyaanee keessa turan daranuu haaromfamuun dirree itti hiraarfaman ta’uu keessa darbee uummanni manneen barnootaa keessatti hidhamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version