ONM-ABO Guraandhala 28, 2025
Murni faashistii PP goyyomsaa siyaasaa hojjechuun aangoo irra bubbuluu akka mala tokkootti qabatee jiru uummata Oromoo wabii jiraachuu dhabee bakka cufatti ajjeefamaa jiruun, gareedhumti uummaticha ajjeesaa jiru Bilxiginnaan mooraan Oromoo tokko ta’eera kottaa nu waliin hojjedhaa jechuun mata duree ‘Leenjii Sirnaa’ jedhuun dargaggoota Oromoo goyyomsaa fi doorsisaan waamanii kennaafii jiru.
Leenjiin kun kan kennamu dargaggoota aanaalee irraa dhufaniif magaalaa godinaatti yoo ta’u, dhimmootni leenjii kana irratti ka’u ammoo mooraan Oromoo tokko ta’eera, WBO’n galeera, ABO fi KFO’nis nu waliin hojjechuuf waliigalaniiru, mootummaanis ta’e sirni kun kan Oromooti kanaaf dargaggootni kottaa nu waliin hojjedhaa kan jedhuudha.
Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti leenjiin kun kennamaa turuun Gurraandhala 26, 2025 kan xumurame yoo ta’u, hirmaattotaaf power point’n ibsamaafii tureera.
Magaalaa Amboo keessattis dargaggootaaf kennaa kan jiran yoo ta’u, leenjii kana booda aanaa isaaniitti deebi’uun hojii dhaaba Bilxiginnaa jedhamu kanaa uummatni akka fudhatuuf irratti hojjetu.
Leenjiin kun barattoota yuuniversitiifis kennamuuf karoorfamee jiraachuun barameera.
Yeroo ammaa kana Bilxiginnaan TDF, Faannoo fi Shaabiyaan wal ta’uun dhufaa jiru jechuun sodaa uummata keessatti uumaa fi sana jala dhokachuun maqaa mootummaa Oromoo tiksinaan leenjii waraanaa fi dabballummaaf dargaggoota guuraa jiraachuun ni beekama.

