ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa yeroo adda addaatti wal ijaaruun hawaasa dararaa kan jiran oggaa ta’u, uummata yaada, humnaa fi qalbiin murna garboomfataa irratti dammaqee akka PP’n barbaaddutti buluufii dide humnaan to’annoo isaanii jala galchuuf hidhaa fi ajjeechaa irratti geggeessaa jiru.
Aanaa Habroo araddaa 19 Biyyoo jedhamu keessatti Guraandhala 28, 2025 milishaa fi itti aanaa bulchaa araddichaa kan ta’e namni maqaan isaa Jeeylan jedhamu badii tokko malee dargaggoo reefuu mana dhaabbatu kan maqaan isaa Dammaqsaa jedhamu haala suukaneessaa ta’een akka bineensaatti rasaasaan rukutee ajjeesuu isaa jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Namni kun siyaasa tokko keessatti hirmaannaa kan hin qabnee fi badii tokko malee maqaa walgahii irraa haftee fi “ashuuraansii fayyaa kaffaluu didde” jedhu qofaan yakkamee harka milishaa bilxiginnaan kan ajjeefame ta’uun ibsamee jira.

