Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu fi madeessuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa murna Bilxiginnaa firoomfachuun gara jabina hamaa ta’een guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo butanii qarshii guddaa gaafachuu, ajjeesuu, horii saamanii qalachuu fi miidhaa tilmaama hin qabne addatti godina Horroo Guduruu aanaalee adda addaa irratti raawwachaa  jiru.

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Doozarii Cabaa jedhamutti hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an Bitootessa 4, 2025 nama maqaan isaa Aliyyii Eliyaas jedhamu gara jabina hamaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, gara jabeeyyiin hidhattoota Amaaraa dararaa geggeessan ittuma fufuun, guyyaadhuma kana nama Ibraahim Obbii jedhamu rasaasaan dhahanii madeessuun madoo qaamaa ulfaataa isa mudateen buufata fayyaa aanichaatti yaalamaa jiraachuun adda baafamee jira.

Namoonni lamaan kunneen bakka Caruu jedhamu irraa gara Tullu Gaanaa osoo deemanii kan ajjeefamanii fi kan madaa’an yoo ta’u, hidhattoonni kunneen bakka Arusee jedhamutti guyyuma kana konkolaataa 8 karaa dhaabanii saamuu isaanii fi sababa miidhaa gurguddaan irratti raawwatamuuf yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.

Exit mobile version