ONM- ABO Bitootessa 15, 2025
Gara jabina guddaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu kaayyeffatanii kan bobba’an hidhattoonni Amaaraa, aanaa Abee Dongoroo ganda Goortee bakka addaa Waamaa jedhamu irraa Bitootessa 12, 2025 nama maqaan isaa Obbo Masgabuu Dachaasaa jedhamu haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa ONM’f himanitti, Obbo Masgabuu ganda Gaararoo irraa gara Tulluu Waayyuu osoo gabaa dhaquu kan ajjeesan ta’uu himuun, ganda sana keessatti sababa finxaaleeyyii kanneeniif hawaasni Oromoo akka itti ba’ee galu dhabee rakkataa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, hidhattoonni gargaarsa Bilxiginnaan hidhatan kunneen aanaadhuma kana ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamu irraa Bitootessa 11, 2025 hawaasa Oromoo jalaa manneen 200 ol barbadeessuun qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun himamee jira.
Hawaasni Oromoo gandicha keessa jiraatan, yeroo ammaa kana ganda Loomicaa, Gaararoo fi Caruutti baqatanii lubbuu isaanii kan oolchatanii fi gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa kanneeniin dararaa yeroo yeroon irratti raawwatamu jabaachuun yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamoleen Bilxiginnaa finxaaleeyyii kana gargaaruun hawaasa gandichaa buqqisaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

