ONM-ABO Bitootessa 7, 2025
Humnoonni daangaa Joordaan Kamisa kaleessaa gareewwan seeraan alaa hidhatanii daangaa kaabaa Siiriyaa irraa gara Joordaan ce’uuf yaalan waliin walitti bu’uu humni waraanaa Joordaan ibsa baaseen beeksiseera.
Walitti bu’iinsa kanaan daddabarsitootni afur kan du’an yoo ta’u, namoonni dhuunfaa hafan ammoo gara naannoo Siiriyaatti duubatti deebi’aniiru. Akka ibsichi jedhutti, namoonni kun haala qilleensaa hamaa fi awwaara hedduutti fayyadamuun daangaa ce’uuf yaalanii turan, garuu humnoonni Joordaan akka hin seenne dhorkaniiru.
Narkootikii fi meeshaaleen waraanaa baay’inaan qabamuun qaama dhimmi ilaallatuuf dabarfamuu humni waraanaa kun beeksiseera.
Hanga qoricha sammuu namaa hadoochu qabame hin ibsamne.
Ji’a Amajjii keessa Joordaan fi Siiriyaan koree nageenyaa waloo ijaaruun daangaa isaanii eeguu, daddabarsa meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu ittisuu fi hidhattoonni ISIS deebi’anii akka hin kaane hojjechuuf waliigalanii turan jechuun Rooyitars gabaaseera.

