Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu keessatti waraanni garboomfataan PP ajjeechaa raawwachuun maatii gadda taa’u jumlaan hidhuun dhaga’ame 

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Gareen faashistii impaayera Itiyoophiyaa gocha hammeenyaa isaa daran jabeessee itti fufuun jiraataa ona Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo kan ta’e nama maqaan isaa Damshuu Taaddasaa jedhamu ukkaamsuun achi buutee isaa dhabamsiisanii akka turan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Ukkaamfamuu jiraataa kanaa hordofees maatiin qorannoo geggeessaa turuun ajjeefamuu kan hubatan yoo ta’u, Bitootessa 5, 2025 Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincootti gadda  akka taa’anis murteessanii ollaa fi firroottan waliin gadda ta’uu eegaluu hordofee, waraanni maafiyaan PP ajjeechaan booda goonkumaa gaddi hin taa’amu jechuun maatii fi firroottan dabalatee namoota qe’ee gaddaa jiran cufa ukkaamsuun reebicha haalaan ulfaataa irratti raawwatanii hidhaatti darbatanii jiraachuun ibsameera.

Maatii fi firroottan nama ajjeefame kanaas jumlaan hidhaatti erga guuranii boodas loon kan ooffatan yoo ta’u, namoonni gadda irraa guuramuun hidhamanis maqaan isaanii:

  1. Mootii Caalaa,
  2. Bojaa Abbaxaa,
  3. Katamuu Bojaa,
  4. Mardaa Taaddasaa,
  5. Masuu Duumessaa fi 
  6. Kaffaalaa Katamaa yoo ta’an, 
  7. Girmaa Asaffaa jalaa ammoo loon 3 saamuun isas qabanii hidhuun ibsameera.

Kana malees jiraataa godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee kan ta’an Obbo Kabbuu Birraatuu maatii gaddi itti gale jajjabeessuuf garas yoo imalan loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun akka hidhamanis itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version