Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti ajjeechaa, hidhaa fi Saamichi jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa saba Oromoof rifaatuu tokkollee hin qabne baroota dheeraaf qe’ee isaa irratti ajjeesaa, hidhaa akkasumas qabeenyaa isaa irraa saamaa fi buqqisaa turuun ni yaadatama.

Murni garboomfataan PP kunneen golee Oromiyaa mara keessatti duguggaa sanyii saba Oromoo irratti gaggeessaa jiru jabeessuun godina Kaaba Shaggar  aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Haxaawwii jedhamutti Amajjii 22, 2025 nama maqaan isaa: Obbo Daamshuu Taaddasaa Damisee jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuun dhagaa’ameera. 

Kana malees:  

  1. Obbo Girmaa Nagaasaa fi 
  2. Obbo Guddisaa Kabbabaa namoota 

jedhaman ammoo guyyaadhuma kana  reebicha hamaa irraan ga’uun rakkoo ulfaataaf  saaxiluun ibsameera. 

Oduu saamichaan ammoo ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Dhaata jedhamutti Amajjii 23, 2025 waraanni faashistii PP loon uummata nagaa saamuun gara mooraa isaanitti kan geessan oggaa ta’u, namoonni saamichi irratti raawwates: 

  1. Obbo Yaadatee Nugusee jalaa loon dallaa tokko guutuu 
  2. Obbo Margaa Gonfoo jalaa loon dallaa tokko guutuu 
  3. Obbo Shallamaa Baallammii jalaa loon dallaa tokko guutuu 

walumaa galatti loon 60 ol saamuun maatii harka duwwaatti hambisuun ifoomeera.

    Exit mobile version