Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti Waraanni faashistii PP hidhaa fi dararaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Ebla 14, 2025 

Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti gochoota Suukkanneessaa garaa garaa uummata nagaa irratti raawwachuun midhaa lubbuu fi qabeenyaa geessisuun gidiraa ulfaataaf saaxilaa jiraachuun murni badiin kun Ajjeechaa, hidhaa, saamicha akkasumas  mana jireenyaa uummata nagaa irratti badii tokko malee gubuun buqqisuu hojii idilee godhachuun akka gootummaatti ilaaluun itti dhaadachuun shiftummaa isaa sirnaan mul’ifachaa jira.

Akka kanaanis Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darroo Willincootti Ebla 12, 2025 waraanni maafiyaan PP nama maqaan isaa Obbo Kabbadee Tasfaayee Gabayyoo jedhamu badii tokko malee yakkamaa taasisuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni himan.

Obbo Kabbadeen jaarsa biyyaa hawaasa keessatti jaalalaa fi kabajaa guddaa qabu, nama hirmaannaa siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’ee fi hojiilee dhuunfaa isaa qofaa irratti xiyyeeffatee jiraatu akka ta’es jiraattonni kan himan oggaa ta’u, loltoonni hamminaaf ijaaraman garuu gara siyaasaatti harkisuun maqaa deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ukkaamsanii hidhuu dubbatu.

Murni Bilxiginnaa hawaasa nagaatti bobbafamuun badii tokko malee dararaa ulfataa irraan gahuun yoo fedhe saamaa, ajjeesaa, buqqisaa fi gochoota dabaa hedduus taasisee jireenya itti hadheessaa jira.

Exit mobile version