ONM-ABO Guraandhala 5, 2025
Impaayeerri Itiyoophiyaa erga hundeeffamtee kaastee mootonni wal jijjiiruun, impaayerattii geggeessaa turan, lammiilee nagaa irratti gochoota akka hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi dararaa garaa garaa irraan ga’uu irra darbee duguuggaa sanyii geggeessuun kan aadeffatameedha.
Murni dararaa uummataan aangoo isaa dheereffachaa jiru Bilxiginnaan godina Kaaba Shaggar aanaa kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo keessatti Guraandhala 2, 2025 hidhattoonni PP, loon shan (5) Obbo Asaamminoo Dhaqqabaa jalaa saamuun, maatiin isaanii galaana hiyyummaa keessatti akka kufan taasisanii jiru
Itti dabaluudhaan godinichuma aanaa kuyyuuu ganda Amuumaatti Guraandhala 3, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Abiyoot Meettaa,
- Dassitaa Damissi,
- Baay’isaa Tolaa,
- Daffar Wadaajoo,
- Kaffaalaa Tuulluu fi
Kaffaalaa Nugusee kanneen jedhaman hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

