• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Kaaba Shaggar keessatti hidhattoonni PP hidhaa fi saamicha, uummata nagaa irratti jabeessanii itti fufuun dhaga’ame

Feb 8, 2025

ONM-ABO Guraandhala 5, 2025 

Impaayeerri Itiyoophiyaa erga hundeeffamtee kaastee mootonni wal jijjiiruun, impaayerattii geggeessaa turan, lammiilee nagaa irratti gochoota akka hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi dararaa garaa garaa irraan ga’uu irra darbee duguuggaa sanyii geggeessuun kan aadeffatameedha.

Murni dararaa uummataan aangoo isaa dheereffachaa jiru Bilxiginnaan godina Kaaba Shaggar aanaa kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo keessatti Guraandhala 2, 2025 hidhattoonni PP, loon shan (5) Obbo Asaamminoo Dhaqqabaa jalaa saamuun, maatiin isaanii galaana hiyyummaa keessatti akka kufan taasisanii jiru

Itti dabaluudhaan godinichuma aanaa kuyyuuu ganda Amuumaatti Guraandhala 3, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Abiyoot Meettaa,      
  2. Dassitaa Damissi,
  3. Baay’isaa Tolaa,     
  4. Daffar Wadaajoo,       
  5. Kaffaalaa Tuulluu fi     

Kaffaalaa Nugusee kanneen jedhaman hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading