• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa keessatti kaadiroonni fi hidhattoonni Bilxiginnaa namoota nagaa ukkaamsuun, dirqisiisanii leenjii waraanaaf qopheessaa jiraachuun dhaga’ame

Feb 8, 2025

ONM-ABO Guraandhala 5, 2025 

Mootonni wal harkaa fuudhuun impaayeera Itiyoophiyaa bulchaa turan, ilmaan Oromoo dirqisiisaniu fedhii isaanii malee gara dirree waraanaatti fe’uun, lubbuu ilmaan hiyyeessatiin teessoo isaanii tikfachaa turaniiru.

Gochi kun ammas bara Abiy Ahimed itti fufuun dargaggootni hedduun fedhii isaanii malee akeeka maraatummaa Bilxiginnaa hin qaqqabatamnee fi bira hin ga’amneef kuma dhibbootaan akka aarsaa hin malle kaffalan ta’aa jira.

Akka kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa Bulchiinsa Magaalaa Giddaa keessaatti Guraandhala 3, 2025 kaadiroonni fi hidhattoonni Bilxiginnaa namoota dafqanii maatii isaanii jiraachisan dirqiin qabuudhaan fedhii isaaniin alatti deemtanii leenjii waraanaa fudhachuun dirqama biyya keessanii ba’attu jechuudhaan mana hidhatti walitti guuraa jiru jedha maddi odeeffannoo keenya gamasii.

Namootni qabaman kunneen baay’inni isaanii 15 yoo ta’an isaan keessaa kan maqaa arganne:

  1. Biqilaa nama dukkaana daldalee jiraatuu fi 
  2. Addaamuu kan jedhamu kophee qulqulleessee jiraatu fi 

namoota qabaman kana keessa namni sammuun dhukkubu illee akka jiru barameera.

Leave a Reply