ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Ministiroonni dhimma alaa Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii fi Biriteen Sambata kaleessaa darbe karoora Gaazaa deebisanii ijaaruuf Arabootaan deggarame kan doolaara biiliyoona 53 baasu fi Falasxiinota naannoo sana keessaa buqqisuu irraa of qusatu akka deggaran dubbataniiru.
“Karoorri kun daandii qabatamaa Gaazaa deebisanii ijaaruuf kan agarsiisu yoo ta’u – yoo hojiirra oole – haala jireenyaa balaa guddaa Falasxiinota Gaazaa keessa jiraataniif saffisaa fi itti fufiinsaan akka fooyya’u waadaa galeera,” jechuun ministiroonni ibsa waloo kennaniin dubbataniiru.
Karoorri Masriin qophaa’ee fi hoggantoota Arabootaan Kibxata darbe fudhatame kun Israa’elii fi prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, naannoo Gaazaa gara “Bakka mijataa Baha Giddu Galeessaa”tti jijjiiruuf mul’ata mataa isaanii kan dhiyeessan ta’uus fudhatama dhabaniiru.
Ibsi biyyoota Awurooppaa afran Sanbata kaleessaa baasan “kaka’umsa Arabaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaanii,” akkasumas “mallattoo barbaachisaa” biyyoota Arabaa misoomsuun dinqisiifataniiru.
Ibsichi Hamaas “kana booda Gaazaa bulchuus ta’e Israa’eliif balaa ta’uu hin qabu” jechuun biyyoonni afran “gahee giddugaleessaa Abbaa Taayitaa Falasxiin fi hojiirra oolmaa ajandaa haaromsaa isaa ni deggaru” jedheera jechuun Rooyitars magaalaa Room irraa gabaaseera.

