Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Masriin karoora ‘bal’aa’ Gaazaaf osoo Falasxiinota hin buqqisin deebisanii ijaaruuf qopheessuu dubbatte

ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025 

Prezidaantiin Masrii Abdel Fattah al-Sisi Dilbata darbe akka mirkaneessanitti biyyi isaanii karoora, lammiilee Falasxiinotaa osoo hin buqqisin Gaazaa deebisanii ijaaruu qopheessaa jirti.

Mirkaneessi kun kan dhufe yeroo Sisi’n Kaayirootti Roonaald Laawudar, itti gaafatamaa Kongiresii Yihudoota Addunyaa waliin  marii geggeesse ture.

Pirezidaantiin Masrii barbaachisummaa “Gaazaa irra deebiin ijaaruu jalqabee jiraattonni ishee lafa isaanii irraa akka hin buqqaane mirkaneessuu” cimsanii dubbatan.

Akkasumas, qaamoleen hundi “dhukaasa dhaabuu itti gaafatamummaadhaan akka socho’an” jechuun barbaachisaa ta’uu isaa hubachiiseera,” jechuun babal’inni waldhabdee “qaamota hunda akka miidhu” akeekkachiisaa jiru.

“Daangaa Waxaabajjii 4, 1967 irratti hundaa’uun mootummaa Falasxiin hundeeffama, Yerusaalem Bahaa akka magaalaa guddoo isheetti ta’u qofatu nagaa waaraa argachuuf wabii dha,” jedhan Siisiin.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Gaazaa dhuunfachuu fi ummata ishee irra deebi’anii akka qubatan gaafataniiru. Yaadni kun addunyaa Arabaa fi saboota biroo hedduudhaan duguuggaa sanyii jedhamuun fudhatama dhabeera.

Yaadni falmisiisaa ta’e kun kan dhufe waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti Amajjii 19 hojiirra oole gidduutti yoo ta’u, kunis waraana duguuggaa sanyii Israa’el kan lammiilee Falasxiin gara 48,300 ta’an, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ajjeese, fi badii geggeeffamaa ture dhaabeera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version