Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Masrii fi Joordaan ‘tokkummaan’ Gaazaan uummatni osoo irraa hin buqqane akka deebitee ijaaramtu waamicha dhiyeessan

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah al-Sisii fi mootiin Joordaan Abdullaah 2ffaan Roobii kaleessaa ejjennoo biyyootni isaanii Gaazaa irratti qabdu cimsanii dubbataniiru. Ejjennoon kun kan dhaga’ame prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp mootii Joordaan waliin Waashingitan keessatti marii gaggeessaniin booda.

“Hoggantoonni lamaan tokkummaa ejjennoo Gibxii fi Joordaan mirkaneessaniiru, kunis barbaachisummaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutummaatti hojiirra oolchuu Gaazaa keessatti, booji’amtootaa fi hidhamtoota gadhiifamuu itti fufuu fi gargaarsa namoomaa akka seenu haala mijeessuu dabalateeti.

Pirezidaantiin Masrii akka jedhanitti, “adeemsi deebisanii Gaazaa ariitiin ijaaruu, ummata Falasxiin lafa isaanii irraa osoo hin buqqisin barbaachisaa ta’uu isaa cimsanii dubbataniiru.

Karoora lammiilee Falasxiini Gaazaa irraa buqqisuu Doonald Tiraampiin dhiyaate biyyoota adda addaan mormamus pirezidaantichi karoora kana fudhachiisuuf biyyoota adda addaa waliin mari’achaa fi dhiibbaas gochaa jiraachuu AFP fi miidiyaaleen gabaasa jiru.

Exit mobile version