ONM-ABO Ebla 8, 2025
Hooggantoonni Faransaay, Masrii fi Joordaan Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, Abbaan Taayitaa Falasxiin qofti bulchiinsa waraana boodaa Gaazaa keessatti dhaabbatuuf itti gaafatamummaa qabaachuu qaba jedhan.
“Bulchiinsi, seeraa fi sirna, fi nageenyi Gaazaa keessatti, akkasumas naannoo Falasxiin hunda keessatti, itti gaafatamummaa abbaa taayitaa Falasxiin cimaa ta’uu qaba,” jechuun hoggantoonni ibsa waloo kennaniiru. Akkasumas lola dhaabuun dafee bakkatti akka deebi’u gaafataniiru.
Waajjirri Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Siisii fi mootiin Joordaan Abdullaah Wiixata kaleessaa haala Gaazaa irratti mari’ataniiru jedhe.
Makroon Kibxata mana kuusaa gargaarsa Gaazaa fi hospitaala lammiileen Falasxiinotaa madaa’an Gaazaa irraa dhufan guyyaa sadaffaa Masrii daawwachaa jiranitti ni ilaalu jedhame eegama jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

