• Thu. Mar 19th, 2026

Faransaay, Masrii fi Joordaan Gaazaan Abbaa Taayitaa Falasxiin qofaan kan bulfamtu ta’uu qabdi jedhan

Apr 11, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Hooggantoonni Faransaay, Masrii fi Joordaan Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, Abbaan Taayitaa Falasxiin qofti bulchiinsa waraana boodaa Gaazaa keessatti dhaabbatuuf itti gaafatamummaa qabaachuu qaba jedhan.

“Bulchiinsi, seeraa fi sirna, fi nageenyi Gaazaa keessatti, akkasumas naannoo Falasxiin hunda keessatti, itti gaafatamummaa abbaa taayitaa Falasxiin cimaa ta’uu qaba,” jechuun hoggantoonni ibsa waloo kennaniiru. Akkasumas lola dhaabuun dafee bakkatti akka deebi’u gaafataniiru.

Waajjirri Pirezidaantii Faransaay   Imaanu’eel Maakroon, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Siisii ​​fi mootiin Joordaan Abdullaah Wiixata kaleessaa haala Gaazaa irratti mari’ataniiru jedhe.

Makroon Kibxata mana kuusaa gargaarsa Gaazaa fi hospitaala lammiileen Falasxiinotaa madaa’an Gaazaa irraa dhufan guyyaa sadaffaa Masrii daawwachaa jiranitti ni ilaalu jedhame eegama jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading