ONM-ABO Bitootessa 8, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’uu fi kaayyoo jala hiriiran adda baasanii beekuu dadhabuudhaan, faayidaa dhuunfaa qofaaf bakka laachuun gowwomfamanii hawaasa irraa dhalatanitti deebi’anii afaan qawwee itti garagalfachuun dararaa kan duraa irra daran hammeessanii jiru.
Aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee ganda 01 irraa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota badii tokko hin qabne yakkuun namoota maqaan isaanii:
- Abbuu Tilintii,
- Boonsaa Badhaasoo fi
- Waradaa Nadhii kanneen jedhaman
Bitootessa 2, 2025 qabuun hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamii kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Kana malees, namoota nagaa badii tokko hin qabne hidhaatti darbachuun qarshii gurguddaa gaafataa kan jiran yoo ta’u, akkuma aanichaatti dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu kan duraa irra daran cimee itti fufuun isaa jiraattota yaaddessaa jiraachuun ifoomeera.

