Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Hidhaa fi dararaan waraana Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti guyyuu raawwatu egeree dhalootaatti yaaddoo ta’ee mul’achuun, waraanni akka feeteen murna Bilxiginnaa aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti Bitootessa 10, 2025 nama maqaan isaa Geetuu Xuurii Kabbadaa jedhamu ukkaamsuun mooraa waraanaa magaalichatti argamutti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun hojii dhuunfaa isaa hojjechuun maatii isaa kan jireessuu fi siyaasa kam keessa illee kan hin jirre ta’uu himuun, Lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo  “loojistikii Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun hojii isaa irraa qabanii hidhuus dubbatu.

Ilmaan Oromoo bulchiinsa impaayera Itoophiyaa jalatti irra deddeebiin Oromummaa qofaaf yakkamuun mirgoonni namoomaa isaanii guyyuu sarbamee saamamuu, hidhamuu fi ajjeefamuun hawaasni guutuutti akka qorqalbiin cabu ta’aa jira.

Exit mobile version