ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraa bulchiinsa magaalaa Boondowoo keessatti hidhatoonni murna PP Bitooteessa 12, 2025 jiraataa ganda Hoomii Suuchii kan ta’e nama maqaan isaa Dagaagaa Immiruu jedhamu baadiyyaa irraa gara magaalaa Boondowoo deemnaan milishaan sirnichaa kan maqaan isaa Guutuu jedhamu rasaasa lamaan rukutuun madeessuu jiraattonni himan.
Dargaggoon madaa’e kunis mana yaalaa hospitaala Aayiraatti geeffamuun yaalchisafamaa kan jiru oggaa ta’u, hirmaannaa qaama siyaasaa kam irraa walaba ture. Murni dhiiga ilmaan Oromoo dachee obaasuu adeeffate kun garuu Oromummaa isaa qofaaf yakkuun akka rukutan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jiruun isaanii dhiiga uummata Oromoo dhangalaasuu kan ta’e ergamtoonni murna PP mirga lubbuun jiraachuu sabni Oromoo biyya isaa irratti qabu sarbuun balleessaa tokko malee guyyaa dhufee darbuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun duguuggaa sanyii raawwachaa jira.

