Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhohinsa magaalaa qarqara galaanaa Siiriyaa keessatti mudate yoo xiqqaate lubbuu namoota 3 galaafate jedhu oduu mootummaa biyyattii

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Dhohinsi Siiriyaa qarqara galaanaa magaalaa Latakiyaa keessatti Sanbata har’aa mudateen yoo xiqqaate namootni sadii du’uu fi 12 madaa’uu miidiyaaleen mootummaa gabaasan. Sababni dhohiinsa kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.

“Dhohinsi magaalaa Latakiyaa naannoo Al-Rimaal keessatti mudate hanga ammaatti lubbuu namoota sadii fi 12 madaa’eera,” jechuun dhaabbati oduu mootummaa SANA aangawoota naannoo sanaa wabeeffachuun ibseera. Itti dabaluudhaanis “gareewwan ittisa siiviilii fi jiraattonni ammallee namoota biroo miidhamanii fi achi buuteen isaanii dhabaman barbaadaa jiru” jedheera.

Jiraattuu magaalattii ganna 32  kan taate Waard Jamool, AFPtti akka himtetti, “dho’iinsa guddaa” dhageessee, “gara bakka sanaatti qajeeltee gamoo guutummaatti diigame argatte” jetteetti.

Hojjettoonni ittisa siiviilii fi ambulaansonni bakka sanatti akka argaman kan himte yoo ta’u, kunis “namoota baay’ee kanneen caccabaa jalatti qabaman barbaaduuf walitti qabaman” cinatti jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version