Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gaazexeessituun lammii Falasxiin Gaazaa keessatti haleellaa Israa’el raawwatteen miidhaan erga irra ga’een booda lubbuun ishee darbe

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Waltajjiin Gaazexeessitoota Falasxiin Jimaata darbe du’a Alaa Hashim kan kanaan dura waraana duguuggaa sanyii Israa’el magaalaa Gaazaa irratti boombii darbachuun miite lubbuun ishee darbu beeksiseera.

Duuti Hashim Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee weerara Israa’el Gaazaa irratti raawwateen lakkoofsi gaazexeessitoota Falasxiin ajjeefaman 206 gaheera.

Dhaabbanni miti mootummaa kun Hashimiif gadduun, callisa idil-addunyaa fi gaazexeessitoota Falasxiin eeguu dhabuu balaaleffateera.

 Akkasumas “gaazexeessitoonni hojii ogummaa isaanii akkaataa seera idil-addunyaa fi waliigaltee namoomaatiin akka raawwatan dandeessisuu” jechuun gaafateera.   

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiiruun baatii Amajjii keessa Gaazaatti kan raawwatame yoo ta’u, haleellaa gara jabinaa Israa’el kan lammiilee Falasxiinota 48,500 ol, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’an ajjeesee fi naannoo kana diigeera.

Dhukaasa dhaabuun jiraatus, aanga’oonni Gaazaa guyyaa guyyaan jechuun ni danda’ama Israa’el dhukaasa dhaabuu cabsuu gabaasaa turan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version