Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaalee garaa garaatti hanqinni boba’aa hammaachuun maqaa kanaan saamichi jabaate

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Godina Walloo aanaalee mara keessatti sababa dhiheessiin boba’aa xiqqaatee fi haaromfama dinagdee Bilxiginnaan ba’een wal qabatee gatiin boba’aa humnaa ol dabaluu fi inumaayyuu dhabamuun ibsamaa jira.

Sababa dhabamuu boba’aatiin kan ka’e konkolaachistoonni hanguma argamte bitachuuf iddoo kuusaa boba’aan itti argamu deemanii bitachuuf dabaree eeggatan osoo dabareen boba’aa bituu isaan hin ga’in maqaa dabaree isiniif kabachiifna jedhuun loltoonni maafiyaa PP saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni naannicha irraa dubbisne tokko tokko jedhanitti saamichi daangaa darbe kun magaalota Kamisee keessatti kan argaman bakkoota akka Kamisee, Sanyoo fi Oosis jedhamaniidha. Oduudhuma saamichaatiin godinuma kana aanaa Dawwee Harawwaa bakka Keellaa Booraa jedhamutti ammoo Bitootessa 16, 2025 maqaa boba’aa dhabnee dhoksaan maallaqa daballee bitaa jirraan taarifa humnaan olii hawaasatti buusuun saamaa akka jiranis maddeen itti dabaluun addeessaniiru.

Kana malees godinichuma aanaa Harxummaa fursee magaalaa Caffaa Roobiit keessattis saamichi konkolaachistoota irratti lukkeelee Bilxiginnaan taasifamu haala akkaan ulfaataa ta’een adeemsifamaa jiraachuus itti dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Exit mobile version