ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Martii magaalaa Golagotaa jedhamuun beekamu keessatti Bitootessa 16, 2025 dargaggoo maqaan isaa Kadir Haajii Kamaal jedhamu badii tokko malee waraanni PP maqaa loojistikii WBO’ti jedhuun yakkanii ganama toora sa’a 3:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekameera.
Akka maddeen ibsanitti dargaggoon kun tuttuqaa siyaasaa kam irraa walaba kan ta’ee fi hojii idilee dhuunfaa isaa qofa irratti xiyyeefachuun kan of jiraachisu ta’uu himuun, ergamtootni Bilxiginnaa kunneen garuu yakka tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkanii akka ajjeesan itti dabaluun ibsaniiru.
Kabajaa namoomaa dhala namaa irraa mulqee hanga bineensaa gadiitti kan nama ilaalu sirni nama nyaataan Bilxiginnaa kan inni rasaasaan waadee ajjeesu itti xiqqaannaan inumaayyuu ajjeesee akka uummatni reeffa hin kaasne dhorkaa turuu maddeen dabalataan addeessanii jiru.

