Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Aanaa Martii keessatti dargaggoon tokko loltoota Abiy Ahimediin ajjeefame

ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025 

Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa himaa gama kaaniin ammoo, uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa jira.

Aanaa Martii ganda Hellaa Akkiyyaa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Ifaa Amaan Fatoo jedhamu Guraandhala 1, 2025 halkan keessaa naannoo sa’atii 1:30 keessa ukkaamsuun reebicha hamaa ta’e erga irraan ga’aniin booda rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraataan gandichaa ijaan arge kan yaaddoo nageenya isaaf akka maqaan isaa dhahamu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaa kennee jira. 

Akka jiraataan kun himetti, dargaggoon kun qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaa qofa irratti bobba’ee kan  jiraatu yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa immoo maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii ajjeesanii gatuu dubbata.

Dargaggoo kana malees, dargaggoonni lama kanneen maqaan isaanii hin baramin jiru ergamtoota kanneeniin garmalee reebichi ulfaataan irra gahuun himamee jira.

Exit mobile version