Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessaa loltoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa yoo guban, Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti immoo hidhaa hawaasa nagaa irratti raawwatan

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Murni Bilxiginnaa irra keessaan raroo hoolaa uffachuun keessoon immoo yeeyyii ta’e akkasumas, afaaniin nadhii roobsaa faallaa isaa summii baatee ilmaan Oromoo hunda irratti lukkeelee isaa akkuma arge bobbaasuun miidhaa hangana hin jedhamne manneen gubuu irraa hanga ajjeechaatti raawwachaa jira. 

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Sayidoo Mahaammadii fi Kadir Ahimad kanneen jedhaman jalaa badii tokko malee Amajjii 14, 2025 “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun manneen isaanii meeshaalee mana keessaa hunda waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu biraatiin, godina Arsii Lixaa aanaa Siraaroo ganda Torban Asawwee jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota akkasumaan yakkanii mana hidhaatti naquun qarshii hedduu saamaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe keessa namoota maqaan isaanii Nageessoo Hirphaa fi Gammadoo jedhaman maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu jiraataan rakkoo nageenya isaaf maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM’f eeree jira. 

Akka jiraataan kun jedhutti, gandicha keessaa loltuu sirnichaa kan ta’e namni maqaan isaa Idaasaa Dheekkamaa jedhamu Raayyaa Ittisa Impaayerattii keessaa galuun hawaasa nagaa uleen rukkutuun abbaa fedhe miidhaa jiraachuu dubbata.

Exit mobile version