ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo jedhamu keessaa Waxabajjii 4, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa:
- Kadir Tufaa jedhamu mana jireenyaa isaa meeshaalee mana keessaa dabalatee midhaan nyaataa kuntalaa 15 waliin ibidda itti shidanii jalaa barbadeessuun midhaan nyaataa kuntaala 8 ammoo fe’atanii kan deeman yoo ta’u,
- Mahaammad Amaan jalaas haaluma wal fakkaatuun mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin gubanii jiraachuu
maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen qonnaan bultoota siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin hordofne yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata kennitan” jedhuun gocha gara jabinaa kana irratti raawwachuu himaniiru.
Ergamtoonni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dachee uumaan isaaniif kenne irratti mirga lubbuun jiraachuu irraa mulquun guyyaadhaa guyyaatti dararaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

