ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee ganda Jeenaa Huluul keessatti hidhattoonni sirnichaa gaafa Onkoloolessa 28, 2025 manneen qotee bultootaa qabeenya isaan qaban guutuu waliin gubanii barbadeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota manneen jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e:
- Jeeluu Amaanaa
- Ahimad Haajii
- Bahaammudii Ahimad
- Abdulkariim Ahimad
- Seefuu Ahimad
- Ruubee Fatoo fi
- Tolii Abdoo
kanneen jedhaman manneen jireenyaa fi qabeenya mana keessaa cufa waliin gubanii jalaa mancaasuun dhaga’ameera.
Kana malees aanichuma ganda Jeenaa Gadamsaa fi Jeenaa Huluul keessatti uummata akka inni magaalaa bahee waa bitatee, gurguratee hin galle ugguruu fi iddoo itti midhaan nyaataa daakkatanis dhabanii rakkoo ulfaataa keessa kan jiran yoo ta’u, namoonni ganda irraa gara ganda birootti socho’anii fira isaanii dubbisuunis yakka ta’ee hawaasni dararaa akkaan jabaa ta’e keessatti kan argaman ta’uu addeessaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti namoonni manaa fi qabeenyi isaanii hidhattoota sirnichaan jalaa mancaafame kunneen qonnaan bultoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachifatanii fi kanneen jireenya injifachuuf tattaafatn malee hariiroo qaamolee siyaasaa kamiyyuu keessatti qooda kan hin fudhanne ta’uu jiraattotni dabalataan ifoomsaniiru.
Murni kutaalee Oromiyaa hunda keessatti tooftaa ittiin saba Oromoo dadhabsiisee bituun kolonii isaa jalatti bulchuuf dharra’u Bilxiginnaan, sababoota garaagaraa hawaasni qonnaan bulaan harka keessaa hin qabne itti maxxansuun yakkanii saamuu, hidhuu, ajjeesuu, mana irratti gubuu fi lafa isaa irraa buqqisanii godaansisaa jiraachuun ni beekama.

