ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 Sirni dhiiga namaan jiraachuun bartee itti ta’e impaayerri Itiyoopiyaa sabaa fi sablammoota impaayerattii jala jiran guutuu amantaaf kutaan akkasumas sabummaan wal nyaachisuu kan amaleeffate Arsii Bahaa aanota akka Gunaa, Martii, Collee fi Zudee keessatti humna shororkeessaatti meeshaa hidhuun hawaasa keessa bobbaasee uummata adamsisisuuf qophiilee cufa xumuree kan jiru ta’uu maddeen ifoomsanii jiru.
Haaluma kanaan humni maqaa Faannoon socho’u kun Fulbaana 22, 2025 aanaa Martii ganda Moollamee Saqaa iddoo addaa Hachaalota jedhamu keessatti halkan walakkeessa hawaasatti duuluun qabeenya isaanii guutuu abiddaan barbadeessanii namoota hedduu meeshaa qara qabuun qaama isaanii cicciranii miidhaa hedduu qaqqabsiisanii jiraachuu jiraattonni eeraniiru.
Namoota humna kanaan manneen jalaa gubate keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Mahaammad Sheek Bashir,
- Qadoo Kataboo,
- Kadijjaa Amaanii fi
- Ahimad Qadoo
kanneen jedhaman yoo ta’an, warreen meeshaalee qara qabuun qaamni isaanii rurrukutamuun miidhaa hedduun irra gahee mana yaalaa keessatti jireenya yaaddoo keessa jiran immoo:
- Baayyaasaa Jamaal,
- Zaara Kadir,
- Nuuriyyaa Abdurramaan,
- Aasha Usmaan fi
- Aalawiyyaa Abdulmajiid kanneen jedhamaniidha.
Humni gocha hammeenyaa kana raawwatu murna Bilxiginnaan deggaramee konyaa Arbaa Guuguu hunda keessa socho’uun nagaa sabichaa akka booressuuf ijaaramee kan jiru yoo ta’u, kana ijaaruu keessatti utuubdoota sirnichaa keessaa Alamuu Simee qooda guddaa akka keessaa qabuu fi hogganni humna kanaas nama maqaan isaa Shaanqoo Abbummaa jedhamu soddaa Alamuu Simee kan haala hunda Alamuun qindeesseen sabicha hiraarsisaa akka jiru maddeen keessa beekan addeessaniiru.

