ONM-ABO Fulbaana 8, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf jecha uummata nagaa badii tokko malee afaan qawween ukkaamsanii bulchuuf hojjechuu itti fufuun namoota nu jala dhaabbatu jedhanii shakkan ammoo qe’eef qabeenyaa isaanii irratti gubuun barbadeessaa jiru.
Gochi farrummaa irra deddeebiin keessatti raawwatamaa kan jiru godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessaa Fulbaana 6, 2024 qabeenyi namoota hedduu loltoota sirnichaan loowwanii fi re’oota dabalatee saamamuun beekamee jira.
Maqaan namoota qabeenyi isaanii jalaa saamaman kanneen maqaan nu gahe:
- Gannaa Taajolee jalaa re’ee 4
- Aadaam Huseen jalaa re’ee 2
- Mahammadnasir Mahammaad jalaa re’ee 3
- Qaasiim Bunee jalaa re’ee 2
- Tolaa Waaqoo jalaa re’ee 2
- Abdii Waaqoo jalaa re’oota 16
- Abdii Gulaa jalaa re’oota 21
- Galatoo Tufaa jalaa re’oota 11 Hawwii jalaa re’ee 1 fudhachuun gara magaalaa Aboomsaaf Booleetti geeffachuun qalatanii nyaachaa jiru jechuun maddeen dubbataniiru.

