Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii kibba bahaa godina Arsii Bahaa ona Jajuu fi Martii keessatti diina adabuu beeksise!

WBOn zoonii kibba bahaa godina Arsii Bahaa ona Jajuu fi Martii keessatti diina adabuu beeksise!

ONM-ABO Fulbaana 8,2022 Irree fi gachaana uummata Oromoo kan ta’e WBOn zoonii Kibbaa Bahaa Cibraan Hambaa Aanolee buttaan Leenjisoo Diigaa godinaa Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Hurutaa baree iddoo addaa Tibilaa jedhamutti Fulbaana 6,2022 ganama sa’a 12:00 irratti lukkeelee diinaa maqaa sakattaa WBOn bobaate haxxee itti hidhuun gootichi onnee sibilaa WBO’n 3 irraa ajeessee 5 madoo taasisuun of duuba dachaasee jira.
Lola kanaan gama meeshaatiin qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin boji’uun dantaa qabsoof oolchee jira.
Ittuma fufuun Fulbaana 7/2022 godinuma Arsii Bahaa ona Martii ganda Wotaroo Dinootti korommiin kibba baha Oromiyaa cibraan Hambaa Aanolee buttaan Leenjisoo Diigaa milishoota waajira gandaa eegdutti marsuun fayyaa dhuunfatee qawwee AKM 1 fi boodatti hafaa 2 booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Hiree murteeffannaan uummata Oromoo bilisummaa afaan qawween uummatni Oromoo argatuun galma ga’a!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version