Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii bahaa aanaa Martii fi Jajuu keessatti diina adabuu beeksise

WBOn godina Arsii bahaa aanaa Martii fi Jajuu keessatti diina adabuu beeksise.

ONM-ABO 5 Amajjii 2023 Gootichi Zoonii kibbaa-bahaa fi Baha-shaggar keessa socho’u, cibraan- Furgaatuu Laga-Awaash fi Zoonii kibba-bahaa keessa socho’u cibraan Hambaa Aanolee buttaan Leenjisoo Diigaa waliin ta’uudhaan, godina Arsii aanaa Martii fi aanaa Jajuu keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo gurguddoo gonfatee jira.

Lolli kun 3/2023 halkan dheengaddaa kan gaggeeffame yoota’u, aanaa Martii magaalaa Heellaa jedhamtu halkan sa’a 6:00 irraa eegalee diina mooraa keessa jiran keessaa gugsee baasuun mooraa gubee meeshaa waraanaa 9 irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Lola kanaanis ergamtoota diinaa 9 ajjeesee 5 madoo gochuun goolabeeera.

Halkanuma sana godina Arsii bahaa aanaa Jajuu magaalaa Jimaatee seenuudhaan ajajaa kumaandoo 1 dabalatee 11 ajjeesuun 8 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version