Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaatti hidhattoonni faashistii PP maatii qabsaa’otaa irratti sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu hammeessan 

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Bitootessa 14, 2025 aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Kolbee Kootichaa keessatti Obbo Abarraa Gammadaa kan jedhaman ergamtoonni sirnichaa ganama toora sa’a 2:00’tti manatti itti dhaquun maqaa obboleessa keetu WBO’dha jedhuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda waajjira Poolisii aanichaa keessatti hidhuun dararaa ulfaataa irraan ga’uun qabeenya manaa hunda waliin xaafii ardaba 115 jalaa fudhachuu maddeen gabaasan.

Kana malees Bitootessa 18, 2025 shiftoonni faashistii PP kunneen mana maatii qabsa’aa Jaal Raffisaa Diinaa deemuun saamicha raawwatanii mana jireenyaa maatii kanaa ammoo ibidda itti shidanii kan guban oggaa ta’u, gandichuma keessaa maatii Obbo Gammadaa Shuquxii kan baay’inaan 15 ta’an qabanii hidhuun loon 57 ammoo jalaa ooffachuun beekameera.

Milishoonni sirnichaa adda durummaan uummata rakkisaa jiran kunneenis kanneen maqaan isaanii Ifaa Gurmuu fi Guchee Bijigaa kan jedhaman ta’uun ifoomeera.

Uummataaf dhaabbachuu irra uummata gidirsuuf hidhatanii kan bobba’an goolessitoonni waraana maafiyaa PP yeroo irraa gara yerootti afaan qawwee fayyadamuun sababoota hin beekamneen maqaalee garaa garaa uummatatti maxxansuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti, saamicha, hidhaa, gubaatii manneenii fi reebichaa hanga ajjeechaa lubbuutti ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Exit mobile version