Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti hidhaan waraana maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Guddinaa Abuunaa iddoo addaa Dimbee jedhamu irraa Bitootessa 15, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee jiraattota maqaan isaanii:

  1. Obbo Dirribaa Baay’isaa,
  2. Balaay Qanaatee,
  3. Shamarree Turee Olaanaa fi
  4. Gonfee Dhaabaa 

kanneen jedhaman hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne yoo ta’an, tiksitoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kutaalee impaayerattii cufa keessatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun yakkoota suukkanneessoo garaa garaa irratti raawwatan cimsanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version