ONM-ABO Bitootessa 16, 2025
Aanaa Horroo ganda Burqituu Oborraa jedhamutti Bitootessa 15, 2025 dargaggoo maqaan isaa Guddataa Toluu Gaddafaa jedhamu waraanni faashistii PP haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun barataa kutaa 11’ffaa kan ta’ee fi siyaasa hordofu osoo hin qabaatin sababa Oromoo ta’e qofaaf maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qaba” jedhuun shiftoota koloneel Abiy Ahmediin ukkaamfamuun ganama keessaa naannoo sa’atii 4:00’tti kan ajjeefame ta’uun ibsamee jira.
Aanicha guutummaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa addatti dargaggoota egeree Oromiyaa ta’an irratti xiyyeeffatanii adamsuun bakka bobba’an hundatti gochoota gara jabinaa dhala namaaf hin malle raawwachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeran.

