Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni goolessituu PP godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti dargaggoo tokko ajjeesuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024 

Gochoota suukkanneessoo uummata nagaa irratti raawwachuu kan amaleeffate, safuu fi ooda uummataa kan hin beekne Waraanni Bilxiginnaa goleelee Oromiyaa mara keessatti hawwaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu fi dararuu akkasumas saamuu fi qe’eef qabeenyaa abiddaan barbadeessuu jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaan, Fulbaana 14, 2024 Waraanni Sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Nuunnuu 01 keessatti nama hojii daldalaaf aanaa Gidaamii ganda Horroo Qundii irraa gara bakkichaa imale nama maqaan isaa Waaqgaarii Asaffaa jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen itti dhiyoo himan.

Akka maddeen himanitti, Waaqgaariin qaama siyaasaa kam keessa kan hin jirre ta’uun hawaasa naannoo biratti jaallatamaa fi amala qabeessa hojii daldalaa isaa qofa irratti bobba’ee jiraatu akka ta’ee fi loltoonni sirnichaa immoo ilmaan Oromoo adamsanii akka bineensaatti ajjeesuun soora bineensaa godhaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version