Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Gareen nama nyaataan dhiiga ilma namaa dhangalaasuu hojii idilee isaa godhate waraanni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa irratti ajjeechaa daangaa darbe raawwachuu itti fufee jira.

Akkaataa kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti waraanni impaayera Itiyoophiyaa nama nagaa tokko ajjeesuu maddeen eeran.

Aanaa Jimmaa Raaree ganda Kaloo Gurraachaa jedhamutti Fulbaana 15, 2024 nama maqaan isaa “Cimdoo Bojaa” jedhamu waraanni sirnichaa naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himaniiru.

Cimdoon nama nagaa hojii dhuunfaa isaa hojjetee jiraatuu fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin qabne ta’uun ibsameera.

Aanicha keessatti irra deddeebiin sarbamiinsi mirgoota namoomaa akka aanichaatti loltoota sirnichaan raawwatamu kan yeroo kamuu caalaa daran jabaatee akka jiruu fi egereen uummataa sadarkaa yaaddessaa irra jiras jedhameera.

Exit mobile version