ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Aanaa Gooroo Doolaa ganda Qalqalchaa jedhamutti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa ajaja Kolonel Abiy Ahimad irraa fudhataniin ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasanii lafarraa duguuguuf bobbaafaman, dargaggoo maqaan isaa Roobaa Bantoolaa Garaarroo jedhamu gaafa Guraandhala 25, 2025 gara jabina guddaan ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun kichuu dhaloota abdii borii kan ta’ee fi loltoonni sirnichaa badii tokko malee doqdoqqee irraa buusuun “Waraana Bilisummaa Oromoo deddeebista” jedhanii bakka Marfata Goolaa jedhamutti akka bineensa bosonaatti rasaasaan dhahanii ajjeesanii gatuun ibsameera.
Kana malees, aanuma kana ganda Qaraaroo jedhamutti loltoonni dhiiga ilmaan Oromoo qeensanii dhuguu miyeeffatan Bitootessa 1, 2025 dargaggoo maqaan isaa Muktaar Goobanaa Boonayyaa jedhamu haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
Dargaggoon kunis, Oromummaa isaaniin alatti badii tokko kan hin qabnee fi dhaaba siyaasaa kam keessaa illee hirmaannaa tokko kan hin qabne yoo ta’an, jaleewwan Bilxiginnaa “leenjii milishaa leenji’uu didde” jechuun kan ajjeesan ta’uun ibsamee jira.

