ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran jiran yoo ta’u, afaaniin akka waan hawaasa fayyadanitti hololaan mirqaansuun lafa irratti hojiin gocha ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne raawwachaa jiru.
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu jedhamu irraa Sadaasa 18, 2024 loltoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Haata’uu Mitikkuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabda jedhu itti maxxansuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu dabaluun ibsan.

