Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti loltoonni Bilxiginnaa barataa kutaa 12’ffaa tokko irratti ajjeechaa raawwachuun, maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Qarree Doobbii jedhamu irraa waraanni maafiyaan PP Adoolessa 10, 2025 barataa kutaa 12’ffaa kan ta’e, maqaan isaa Abdii Misgaanuu Barii kan jedhamu maqaa “qunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun badii tokko malee haala nama suukkaneessuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti, dargaggoo ol-adeemaan abdiif egeree Oromiyaa ta’e kun barana qorumsa seensa Yuunivarsiitii kan fudhate ta’uu isaa himuun, akkuma qormaata qoramee galeen bakka hojii qonnaatii maatii isaa hojii gargaaruu irraa kan hafe badii tokkoo fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’us, loltoota Bilxiginnaan qabamee ajjeefamee gatamuu dubbatu.

Oduu biraatiin immoo, aanaadhuma kana ganda Winee Roggee jedhamu irraa torban tokko dura maatiin qabsaa’otaa fi qonnaan bultootni maqaan isaanii:

  1. Baayisaa Fufaa, 
  2. Gaja’aa Jabeessaa, 
  3. Dheeressaa Kabbadee,
  4. Dhaabaa Folqaa fi 

kanneen biroo hedduun baay’inaan 300 ol ta’an loltootuma sirnichaan yakkamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen badii isaan hiisisu kan hin qabnee fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa qooda  kan hin qabne yoo ta’anis, maqaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uu fi hiraarsaan loltoota Bilxiginnaan akka aanichaatti gandoota 32 irratti ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran kan jabaatee itti fufee jiru ta’uu gabaasni ONM’ qaqqabe ni ifoomsa.

Exit mobile version