Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti loltoonni Bilxiginnaa barataa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuun, maatii isaa irrattis saamicha raawwatan

ONM-ABO Eebla 4, 2025 

Aanaa Amuruu ganda Hoolee Walagee bakka addaa Toluu jedhamutti Eebla 2, 2025 loltoonni Bilxiginnaa barataa maqaan isaa Abdii Hinkoosaa jedhamu rasaaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Abdiin barataa kutaa 8’ffaa yoo ta’u, ganda Siiddan jedhamu irraa bara 2022 finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’uun maatii isaa waliin bakkicha kan jiraatu ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himanii jiru.

Kana malees, loltoonni gara laafina tokkollee ilmaan Oromoof hin qabne tiksitoonni impaayerattii barataa kana erga ajjeesanii booda, maatii isaa irraa immoo qarshii 30,000 saamanii deemuun kan himamu yoo ta’u, akkuma aanichaatti loltoonni sirnichaa dararaa ulfaataa hawaasa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii kan jiran ta’uun ibsamee jira.

Exit mobile version