• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti loltoonni Bilxiginnaa dargaggeessa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatan

Nov 30, 2024

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran jiran yoo ta’u, afaaniin akka waan hawaasa fayyadanitti hololaan mirqaansuun lafa irratti hojiin gocha ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne raawwachaa jiru.

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu jedhamu irraa Sadaasa 18, 2024 loltoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Haata’uu Mitikkuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattonni, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabda jedhu itti maxxansuun  haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu dabaluun ibsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading