ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Waraanni Israa’el misaa’ela Kamisa kaleessaa finciltootaa Huutii Yaman Iraaniin deggaraman irraa itti darbatame addaan kutuu ibsite.
Erga pirojektiiliin darbatamee booda Israa’el keessatti naannoo hedduutti saayireniin dhaga’ama ture jedha waraanni. Poolisiin Israa’el akka jedhetti saayireniin Tel Aviv fi Yerusaalem keessatti dhaga’ameera.
Tajaajilli ambulaansii Israa’el akka jedhetti miidhaan cimaan akka hin mudanne himameera.
Hidhattoonni Yaman Huutiin boodarra haleellaa misaa’elaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun haleellaa Ameerikaa Sanbata irraa eegalee raawwatameen kan hin rifanne ta’u mul’iseera.
Huutiin erga waraana Israa’el Hamaas waliin dhuma bara 2023 jalqabdee haleellaa doonii 100 ol raawwatanii jiru.
Haleellaan kun daldala addunyaa kan jeeqe yoo ta’u, waraanni Ameerikaa duula baasii guddaa baasu misaa’ela addaan kutuuf akka jalqabu taasiseera jechuun Al Arabiyaa fi Rooyiters gabaasaniiru.

