Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti milishoonni sirnichaa haadha ilmaan shanii rasaasaan dha’anii yoo madeessan, doorsisaa fi saamichis raawwachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Bitootessa 22, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Awwaara Tarreetti milishoonni sirnichaa ganamaan qe’ee jiraattotaatti marsuun dhukaasa namoota nagaa irratti bananii haadha ilmaan shanii kan taate haadha warraa Adam Gilee Kadijjaa Hasan Aliitee Umar jedhamtu rasaasaan miilla isheerra madeessuun yeroo ammaa harmeen kun mana yaalaatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun barameera.

Akka jiraattonni jedhanitti, milishoonni sirnichaa namoota barbaannu ganda kana keessaa qabna jechuun dhukaasa bananiin haadha kanas madeessuu himuun, dhukaasa meeshaa PKM dabalatee yeroo dheeraaf taasisaniin mana Obbo Aliyyii Raffisee irraan ga’uun ibsameera.

Adda durummaan ganda Awwaara Tarreetti dararaa raawwachaa kan jiran bulchaa gandichaa Saaddam Ammad Amiinuu fi  milishaa sirnichaa God-maloo akkasumas nama maqaan isaa Habiib jedhamu ta’uun eerameera.

Namoota gabaa osoo ba’anii milishoota murna PP’n saamaman keessaa kan maqaan nu ga’e haadha ilmaanii fi jiraattuu ganda Haraa kan taate Aadde Faaxumaa yoo taatu ishee jalaa qarshii 3000 fudhachuun shamarree ammaaf maqaan nu hin qaqqabne tokko jalaas qarshii 2000 akka fudhatan ibsameera.

Kana malees Kamisa Bitootessa 21, 2025 guyyaa gabaa magaalaa Qiciicootti wayita jiraattotni bittaa fi gurgurtaaf magaalaa Qiciicoo ba’anitti milishoonni sirnichaa daandii irratti eeguun qarshii jiraattota harkaa saamaa turaniiru.

Exit mobile version