Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

UNICEF Itiyophiyaa keessaatti  da’immaan 700,00 ta’an kanneen rakkoo hanqina Nyaata madalawaatiif saaxilaman gargaarsa dhaabuuf akka jiran akekkachiise

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Dhaabbanni gargaarsa Namoomaa USAID tajaajila gargaarsaa Da’immanii  Itiyoophiyaatiif godhu addaan kutuu beeksisee turuun kan yaadatamu yoo ta’u sababa kanaan Daa’imman heedduun rakkoo hanqina nyaataan hubamanii jiraachuu midiyaaleen garaa garaa gabaasaa turan.

Torbee kanas akka UNICEF jedhutti Itiyoophiyaa keessatti yeroo ji’a lama hin caalle keessatti gargaarsi nyaata lubbuu daa’imman hanqina nyaata madalawaa olaanaa qaban kana baraaru sababa gargaarsi namoomaa USAID adda citeef dhumaa jira jedha.

Kana jechuun Itiyoophiyaatti Daa’imman hanqina nyaata madalawaa qaban 700,00 ta’an gargaarsa hin argatan jechuudha. Kun lubbuu daa’imman kanneenii balaa irra kan buusuudha kan jedhan yoo ta’u, dhimmi fandii argachuu dhimmaa lubbuu daa’imman balaa akkanaa keessa jiraaniin wal qabatu jedhan. Tasa adda cituun gargaarsa USAID carraaqqii baraarsa lubbu danqeera. Itiyoophiyaatti kilinikoonni socha’oon 23 tajaajila dhaabuu UNICEF himuun yeroo ammaa torba qoofatu tajaajila kennaa jira.

Fandii (gargaarsi) haaraan yoo hin argamne waan kuusaa keessaa qabnu fixaa jirra, nyaanni Daa’imman hanqina nyaata madalaawaaf saxilaman baraaruuf fayyadamaa jirru Caamsaa keessa nu harkaa dhuma jedhan Daarikteerri itti Aantuun UNICEF Kitii Van Der Heyijden ibsa Naayijeeriyaa Abujaa irraa kennaniin.

Exit mobile version