Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti loltoonni impaayerattii dargaggoota reebuu fi hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti Bitootessa 23, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota 3 kanneen sodaa nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii akka eeramu hin feene irratti badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu raawwachuun, 2 ammoo hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraataan magaalichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Akka jiraataan kun himetti, dargaggoonni yakka malee reebamuun hidhaman kunneen dhiibbaa raawwatan qabaataniif osoo hin taane, waraanni maafiyaan PP fi lukkeeleen Bilxiginnaa namoota hiraarsuun karaa ittiin abbaa irrumaa agarsiifatan waan ta’eefi jedha.

Dargaggootni kunneen dargaggoota magaalaa Baakkoo irraa gara gandoota baadiyyaatti bobbaa’anii hojii humnaa garaa garaa hojjechaa oolanii gara maatiitti deebi’aa jiran ta’uu himuun, yakkoonni waraanni maafiyaan PP namoota irratti raawwachaa jiranis haalaan dabalaa jiraachuu dubbatu.

Ergamtoonni garaa isaanii guuttachuuf qofa jiraatan loltoonni Bilxiginnaa, kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan barameen olitti namoota hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni gaaffii maal goone yakki nuti raawwanes maaliidha jechuun gaafatus, murni aantummaa aangoof qabu deebii uummataa hidhaa, reebicha, saamichaa fi ajjeechaa gochuun yakka hojjechuu itti fufeera.

Exit mobile version