ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa keessaa Gurraandhala 12, 2025 halkan keessaa toora sa’a 6:00’tti loltoonni impaayerattii daa’ima umurii 13 kan taate Burtukaan Deesoo kan jedhamtuu fi dargaggoo Saxxanyii Tafarraa jedhamu badii tokko malee mana maatii isaaniitii ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen isaanii dhabamee kan jiru ta’uu jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan ONM dubbise kun himetti, ijoolleen maatii isaanii biraa butamuun achi buutee dhabamsiifaman kunneen siyaasa kam keessa illee kan hin jirree fi lamaan isaaniis abbootiin isaanii yeroo malee irraa boqochuu irraan kan ka’e jiruu gadadoo hamtuu argaa kan guddatan ta’uus ONM’f eeree jira.

