ONM-ABO Bitootessa 25, 2025
Aanaa Begii ganda Teenzee jedhamu keessaa waraanni maafiyaan PP namoota maqaan isaanii; Duulaa Dhiyeessaa, Isiyaaq Asaffaa, Umar Tashoomaa fi Huseen Injigguu kanneen jedhaman ukkaamsuun kan hidhan oggaa ta’u, aanichuma ganda Taajaa irraa ammoo Abdulkariim Waaqjiraa, Abduu Ittafaa, Zubeer Oljirraa fi Abduu Oliiqaa kanneen jedhaman Bitootessa 21, 2025 qabanii akka deemanis ifoomeera.
Kana malees ona Qondaalaa keessaa dargaggootni fi maanguddoonni hedduun maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun yakkamanii baatiilee dheeraaf manneen hidhaa keessatti dararaa ulfaataan irratti raawwachaa jiraachuunis kan himamu yoo ta’u, yakka waraanni garboomfataan PP taasisaa jiruun maatiin ilmaan isaanii irraa addaan dhiibamuun rakkoolee gurguddaan daa’imman isaanii irra ga’aa jiraachuu ONM odeeffateera.
Murni dararamni dhalootaa isa gammachiisu Bilxiginnaan, mirga lubbuun jiraachuu, gaaffii fedhan gaafachuu, akkasumas ba’anii nagaan galuu lammiilee ugguruun akka fedhetti ukkaamsee mooraa leenjiitti erguu, hidhee qaamaa qalbiin miidhuu fi ajjeesee bineensa nyaachisuu akka gootummaatti lakkaa’uun golee Oromiyaa keessatti hammeenyummaa dachaa raawwachaa jira.

