Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa keessatti hidhaa fi ajjeechaan waraana goolessaa bilxiginnaan jiraattota godinichaa irratti jabaatee jira

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Hidhuu malee hiikuu, saamuu malee gargaaruu akkasumas ajjeesuu malee du’arraa baraaruu kan hin beekne sirni gabroomfataan bilxiginnaa uummata Oromoo duguuguu kan adeeffate, shiftoota waraana isaa dhala namaaf kabajaa hin qabne hawaasa nagaatti bobbaasuun lubbuu lammiilee nagaa guyyaa irraa gara guyyaatti rasaasaan obbaasaa oola.

Bara bulchiinsa murna PP keessa badii tokko malee Oromoo ta’uu isaa qofaaf dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle biyyaa abbaasaa irratti keessummeessaa kan jiru sabni Oromoo, bara dhufee darbuun rasaasa sirnoota gabroomfataa abbaa irree impaayerattii bulchaniin waadamaa jira.

Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 3, 2024 faashistoonni murna PP Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii naannoo Taajaa Gabaa Arbii jedhamu keessatti hawaasa nagaa tokko nama siyaasa kamirraa walaba ta’e kan maqaan isaa Abduu Muusaa jedhamu rasaasa itti roobsuun daandii guddaa aanaa Begii fi Toongoo wal quunamsiisu irratti ajjeesanii kan gatan oggaa ta’u, namoota 2 kanneen maqaan isaanii Aburaayii Abdullaayii fi Haaruun Baabagar kanneen jedhaman ammoo qabanii harka duubatti hidhuun mooraa waraana PP aanaa Begiitti geessanii dararaa akka jiran maddeen onichaa ONM’tti himan.

Oduuma wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara Arbaa keessatti guyyuma sana guyyaa keessaa toora sa’a 9:00 irratti nama maqaan isaa Abduu Sanbatoo jedhamu waajjira bulchiinsa ganda Ashunfaatti rasaasaan rukutanii ajjeesuun iddoo addaa Kummii jedhamutti gatanii biraa deemuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version