ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024
Loltoonni sirnichaa ilmaan Oromoo ukkaamsanii jumlaan mana hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuun uummanni akka itti ba’ee galu dhabee rakkataa jiraachuun ibsame.
Aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa jedhamu irraa Onkoloolessa 22, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Aarun Xahaa,
- Abuluu Yaadataa,
- Obbo Yaadataa fi maatii isaa hunda,
- Saadam Xahaa,
- Mahaammad Shuulkee fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee qabanii jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun kan jiraatan yoo ta’an, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamuun mana hidhaatti darbatamanii dararaa argaa kan jiran ta’uu dubbatu.
Oduu ajjeechaan wal qabatuun ammoo impaayera Itiyoophiyaatti abbummaa fi itti gaafatamummaan kan hin jirre, jiraattonni wanta dhuunfaa isaanii irratti jibbamuun waraana gara jabeeyyii naatoo ilmoo namaaf hin qabneen ajjeefamuun dhiigni isaanii gatii tokko malee dhangala’aa jira.
Onkoloolessa 24, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo bulchiinsa magaalaa Gullisootti jaarsi biyyaa maqaan isaa Obbo Tasfaa Disaasaa jedhamu daandii gurraacha irra osoo imaluu konkolaataa murna abbaa irree PP paatiroolii 3’f jedhamuun waraanni gabroomfataan sirnichaa yakka tokko malee irra baasee daandii gubbaatti ajjeesuun ifoomeera.
Ajjeefamuu Obbo Tasfaa boodas magaalaan Gullisoo jeequmsa guddaa keessa akka turte kan himamu yoo ta’u, waraanni maanguddoo biyyaa ajjeese kunis itti gaafatama tokko malee lubbuu obbaase irratti dabalataan hawaasatti akka dhaadachaa ture jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeraniiru.
Impaayera lubbuun dhala namaa hanga kan bineensota bosonaa haqate Itiyoophiyaatti jiraachuun rakkoo ta’ee namnuu guyyuu yaaddoo du’aaf halkanii fi guyyaa qorqalbii miidhamuun jiraachaa akka jirus beekameera.

